Fana: At a Speed of Life!

Hojii Misooma Sululaafi Ashaaraa Magariisaaf xiyyeeffannaa laannee hojjechuu irratti argamna – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 26, 2016 (FBC) – Hojii Misooma Sululaafi Ashaaraa Magariisaaf xiyyeeffannaa laannee hojjechuu irratti argamna jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan

Imala ofitti deebiifi badhaadhina hunda-galeessa mirkaneessuuf taasifamaa jiruun, hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya umamaa bal’dhinaan adeemsisaa jirra jechuun ibsaniiru.

Hojiilee akka waliigalaatti bara kana hojjetaman hektaara miiluyoona 3.2 cinaatti, itti fufiinsafi hawwattummaa iddoowwan Ikoo-Turizimii mirkaneessuu irratti, hojii Misooma Sululaafi Ashaaraa Magariisaa xiyyeeffannaa laannee hojjechuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sululoota 10, bal’dhina lafa hektaara 940 marfata Haroo Dandiitti argamu keessaa, lafa hektaara 370 irratti daagaa biyyee Kiiloo meetirri 45, daagaa dhakaafi biyyee Kiiloo meetirri 32, daagaa gaaraa Kiiloo meetirri 150, Boolla marfataa gadifagoo Kiiloo meetirri 46, akkasumas boolla qoccuu xixiqqoo (micro basin) 2,500 hojjetamaniiru jedhan.

Sochiin kun sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 6ffaa dhufaa jiru irrattis, ajandaa hoggansa sadarkaan jiruufi ummata bal’dhaa ta’ee akka itti fufu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.