Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa gamaaggama raawwii hojii baatii 6 Kooyishaatti gaggeesseera

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa gamaaggama raawwii hojii baatii 6 Kooyishaatti gaggeesseera.
Gamaaggamni raawwii hojii mana marichaa kun yeroo jalqabaaf dursummaa Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin magaalaa Finfinneetii alatti gaggeeffame jedhame.
Gamaaggamaa raawwii hojii guyyaa tokkoof turu kanarratti miseensonni Kaabinee hundi hirmaachaa jiru jedhameera.
Hanga ammaatti gabaasni raawwii hojii Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Komishinii Plaanii fi Karooraa, Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii akkasumas Ministeera Galiiwwanii dhiyaachuu ibsameera.
Manneen hojii kunneen walakkaa waggaa kana keessatti ciminaa fi hanqinaa hojii keessatti isaanii muudate gabaasa isaaniin tarreessaniiru jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.