Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti dhaabbilee daldalaa kuma 7 fi 574 irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatame

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti dhaabbilee daldalaa kuma 7 fi 574 irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksiise.
Kallattii addaa koreen taaksi foorsii tasgabbii gabaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatiin kaa’e hordofee dhaabbilee daldalaa seeraan alaa kuma 7 fi 574 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamu ibseera.
Dhaabbilee daldalaa naannicha keessatti argaman kuma 20 fi 129 irratti hordoffii addaa tibbana taasifameen kumn 12 fi 555 seera-qabeessa yoo ta’an, kumni 7 fi 574 ammoo seeraan ala kan socho’an ta’uun adda ba’eera jedhame.
Dhaabbilee seeraan ala socho’an kanneen keessaa kuma 4 fi 892 irratti tarkaanfii bulchiinsaa, kuma 2 fi 682 irratti ammoo tarkaanfiin seeraa fudhatamuu biirichi himeera.
Naannoo Oromiyaatti Kuusaalee Oomisha Dhoksan 664 saamsamaniiru jedhame.
Manneen kuusaa gurguddoon oomishaalee bu’uuraa seeraan ala kuusaniifi dhoksan 664 saamsamuunis eereera.
Tarkaanfii dhaabbilee daldalaarratti tibbana fudhatame kanaan Birriin miiliyoona 28 fi kuma dhibba 6 fi kuma 51 fi 380tti tilmaamamu argamuu ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.