Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen kutaa magaalaa Qiirqoositti proojektiiwwan misoomaa namarratti xiyyeeffatan eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen kutaa magaalaa Qiirqoositti proojektiiwwan misoomaa namarratti xiyyeeffatan yeroo gabaaba keessatti kan xumuraman ifatti eegalchiisaniiru.
Kutaan magaalichaa guyyaa har’aa proojektiiwwan yeroo gabaabaa keessatti xumuramanii fi gaaffii uummataaf deebii ariifachiisaa barbaadan 6 ifatti eegalchiisuu ibsameera.
Proojektiiwwan kunneen dhiyeessii mana jireenyaa, fooyya’iinsa dhiyeessii daabboo fi maaddii qooduu, qonna magaalaa, qulqullinaa fi miidhagina magaalaa, fooyyessa tajaajilaa fi gabaa Dilbataa ta’uu eerameera.
Proojektiin manaa manneen dullooman haaromsuu dabalatee ijaarsa manneen haaraa kan dabalatuu fi baatiiwwan 2 keessatti kan xumuramu ta’uu addeeffameera.
Ijaarsi manneen waliin jireenyaa 4 har’a eegalaman hanga manneen 200 kan of keessaa qaban ta’uu himameera.
Warshaaleen daabboo 8 abbootii qabeenyaa waliin ta’uun bakkeewwan garagaraatti kan ijaaraman ta’uu fi giddugaloonni soorataa 2 akkasumas iddoowwan qindeessa daabboo shaggar 32 ifatti eegalamuu eerameera.
Proojektiiwwan kunneeniin magaalittiin guddina isheef malu akka argattuu fi adeemsa guddinaa fi jijjiirama ishee keessatti jireenyi lammiilee waliin kan jijjiiramu ta’uu kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech ibsaniiru.
Milkaa’ina proojektiiwwan kanneeniif jiraattonni ga’eesaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessuu ragaan bulchiinsa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.