Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inni misooma Qamadiin argame Kuduraa fi Muduraan dabalamuu qaba – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Ebla 19, 2016 (FBC) – Milkaa’inni misooma Qamadiin argame Kuduraa fi Muduraan dabalamuu akka qabu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Dooktar Girmaan hojiilee Qorannoo Muduraa fi Kuduraa Makaanaayizeeshiniin giddu gala Qorannoo Malkaasaatti hojjetamaa jiru daawwataniiru.

Milkaa’inni misooma Qamadiin argame Kuduraa fi Muduraan dabalamuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Giddu gala Qorannoo Malkaasaa karoora damichaan qabame milkeessuyf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Giddu galichi bu’aalee qorannoon argate baayyisuun qonnaan bultootaaf raabsuu akka qabu himaniiru.

Giddu Galoonni Qorannoo Qonnaa Teeknooloojii Kalaquun Beeksisuu, waliingahuu fi hojiilee ijaarsa dandeettii hojjechaa jiraachuu Daayrektarri Olaanaan Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaa Dooktar Fattoo Iismoon himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.