Fana: At a Speed of Life!

Sochiin Ispoortii qaama marsaa 3ffaan sadarkaa magaalaatti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 2, 2013 (FBC)- Sochiin Ispoortii qaama marsaa 3ffaan mata duree “nageenya biyya kiyyaaf nan dhaabbadhaa,Raayyaa Ittisa Biyyaaf dursa nan kennaa,” jedhuun qopheessummaa Koomishiinii Ispoortii Finfinneetin kutaa Magaalaa Booleetti gaggeeffameera.
Sosochii Ispoortii qaamaa kanarratti Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbayin dabalatee Koomishinarri Koomishiinii Ispoortii Magaalaa Finfinnee Balaay Dajan, hojii gaggeessa olaanaan kutaa magaalaa Boolee obbo Mokonnin Ambaayee,hawaasni Ispoortii fi jiraattoonni kutaa magaalichaa hirmaataniiru.
Koomishnarri Koomishiinii Ispoortii Magaalaa Finfinnee Balaay Dajan, sosochiin Ispoortii qaamaa hawaasa biratti aadaa akka ta’uuf ni hojjatama jedhaniiru.
Torbee ittaanus sochiin Ispoortii qaama marsaa 4ffaan kutaa magaalaa Gullalleetti kan adeemsifamu ta’uu ragaan Waajjira Prees Seekireetaariyaatii Magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.