Fana: At a Speed of Life!

Ramaddii 1ffaa jalaa Neezerlaandii fi Ikkuwaadoor qabxii yoo qooddatan Kuwaataar kuftetti

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015 (FBC) – Tapha Waancaa Addunyaa 22ffaa ramaddii jalqabaa keessaa Neezarlaandii fi Ikkuwaadoor qabxii qooddataniiru.

Gareewwan lameen sa’aatii 1:00 irratti taphaa taphataniin gooliin saffistuun tapha waancichaa galmaa’eera.

Taphichi qixa 1 fi 1’n xumurameera.

Ramadiicha jalatti kan argaman Seneegaalii fi Kuwaataar gidduutti tapha gaggeeffameen Seeneegaal 3 fi 1’n injifachuu dandeesseetti.

Kana hordofee keessummeessituun Tapha Waancaa Addunyaa 22ffaa Kuwaatar ramadii ishee keessaa biyya jalqabaa kufte ta’uun mirkanaa’eera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.