Fana: At a Speed of Life!

Atileet Qananiisaa Baqqalaan Maaraatoonii Landan 2023 irratti ni hirmaata jedhame

Finfinnee, Amajjii 24, 2015(FBC)- Atileet Qananiisaa Baqqalaan fiigicha Maaraatoonii Landan 2023 baatii Eeblaatti gaggeeffamurratti kan hirmaatu ta’uu ibsame.

Atileet Qananiisaa Baqqalaan Maaraatoonii Barliin sa’aatii 2fi sekondii1fi maayikiroo sekondii 41’n xumuruun seenaa fiigicha maraatooniin abbaa sa’aatii saffisaa 2ffaa ta’uun isaa ni beekama.

Kana malees fiigicha walakkaa maaraatoonii Landan sa’aatii 1fi daqiiqaa 22 xumuruun riikardii Atileetii Ingiliz Moo Faraan qabamee ture fooyyessuun isaa kan yaadatamudha.

Atileetonni Moosinat Garramuu, Birhaanuu Laggasaafi Li’uul Gabrasillaaseen Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommicharratti kan hirmaatan ta’uu ifoomeera.

Atileetiin Keeniyaa Amoos Kiippiruutoofi Atileetiin Ingiliz Moo Faaraan dorgommicharratti ni hirmaatu jedhamuu BBCn gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.