Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee abbootii amantaa garagaraa waliin ta’uun bakka taaboonni bulu qulqulleessan

Finfinnee, Amajjii 9, 2013 (FBC ) – Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee abbootii amantaa garagaraa waliin ta’uun bakka taaboonni bulu qulqulleessan.
Aadde Adaanach guyyaa har’a ganama abbootii amantaa adda addaa fi dargaggoota magaalaa, hordoftoota amantaalee gara garaa hordofan ayyaanoonni biyya keenyatti kabajaman kanuma biyya keenyaati waan ta’eef “Jaalala Ityoophiyummaa fi walooma keenya gochaan agarsiisna” jechuun ayyaanni cuuphaa fuuldura keenya kabajamu bifa ho’aa fi nageenyi isaa akka dabaluuf mana amantaa qulqulluu Yooseefitti saganytaa qulqullinaa adeemsifneerra.
Ayyaanni cuuphaa kuni faayidaa amantaatiin dabalatatti gama hawaasummaatiin akkasumas biyya keenyaa fi aadaa keenya Addunyaatti beeksisuu irratti gahee guddaa kan qabu waan ta’eef, waldanda’uun, jaalalaa fi hedddumminaa fi tokkummaa keenya Addunyaatti kan itti mul’isnu ta’uu qaba jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.