Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach sosochii geejjibaa magaalaa Finfinnee daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee sosochii geejjibaa magaalaa Finfinnee daawwatan.
Hanqina geejjibaa Magaalaa Finfinnee furuuf xiyyeffeennoon hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Aadde Adaanach jiraattotaa magaalichaa hiriiraan tajaajila geejjibaa eeggachaa jiran naanna’uun daawwataniiru.
Jiraattoonni geejjiba eeggachaa jiranis wayita hojii galanii fi ba’an dhiphinni geejibbaa akka isaan mudataa jiru Aadde Adaanechiif himanii jiru.
Akka OBN gabaaseetti aadde Adaanach bulchiinsi Magaalaa Finfinnee hanqina geejjibaa magaalichaa furuuf xiyyeeffannan hojjeta jedhan.
Daawwannicharratti aadde Adaanach dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa bulchinsa magaalaa Finfinnee argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.