Fana: At a Speed of Life!

Mul’annii fi yaadni keenya hojjennee badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessudha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Mul’annii fi yaadni keenya hojjennee badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy har’a magaalaa Naqamteetti argamuun labsii nageenyaa, tokkummaa fi Diinagdee labsaniiru.

Rakkoo hamaa keessa taanee diinagdee dachaan guddisuu afrikaaf fakkeenya taanee jirra jedhan.

Mul’annii fi yaadni keenya hojjennee diinagdeen of danda’uu, badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessudha jechuun ibsaniiru.
Ummataa fi waaqa qabannee rakkoo amma jiru ni ceena, ni moona jedhan.

Oromoon hangafa, ofjijjiiree biyyas jijjiira, Wallaggi jijiiramee akka Oromiyaa jijjiiru ni hojjenna, ummannis carraa nuuf kennuu qaba jechuun gaafataniiru.

Miira keessa baanee Qalbii jijjiirachuun misoomaa fi nageenya biyya keenyaaf tokkummaa haa dhaabbannu jedhan Dooktar Abiy.
Wallaggatti Miiraa fi afuura kaleessaa arguutti daraan gammaduu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.