Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanachi ijaarsa manneen jireenyaa gamoo abbaa darbii G+5 eegalchiisan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen ijaarsa mana jireenyaa gamoo abbaa darbii G+5 kutaa magaalaa Liddataatti eegalchiisaniiru.
Rakkoolee hawaasummaa fi diinagdee jiraattoota magaalichaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Aadde Adaanachi ibsaniiru.
Ijaarsi manneen jireenyaa eegalame kunis kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qaban fayyadamoo taasiisuurra darbee miidhagina magaalichaaf qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.
Rakkoo mana jireenyaa furuuf gamoowwan abbaan darbii 11 afur ijaarsarra jiraachuu hojii raawwachiisaa olaanaan kutaa magaalaa Liddataa Obbo Asaggidaw Hayilagiyoorgiis ibsuu AMN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.