Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Pirojektoota guyyoota 90 Kutaa magaala Lammii Kuraa Daawwatan

Finfinnee, Amajjii 6, 2015 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti pirojektoota guyyoota 90 hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin misooma magaariisaa daandii addaan qoodan, ijaarsa manneen waliinii harka qalleeyyii, giddugalaa oomisha buddeenaa, horsiisaa loon annanii, gamoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Haaraa fi bu’uuraalee misoomaa daandii daawwataniiru.

Pirojektoonni kunneen yeroo qabameef keessatti akka xumuraman taasisuuf tattaaffiiwwan taasifamaa jiran dinqisiifachuun, hojiileen hafan biroo murannoon hojjechuun milkaa’inaa waloo yaadamee biraa qaqqabuun akka danda’amu Aadde Adaanech daawwanicharatti ibsaniiru.

Pirojektoonni Kutaa Magaalichaatti ijaaramaa jiran kunneen abbootii qabeenyaa Ityoophyaanota tola ooltotaan ta’uun ragaan Waajjira Kantiibaa magaalattiiraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.