Fana: At a Speed of Life!

Aadde Caaltuu Saanii boqachuu Artiist Nuhoo Goobanaaf gaddi itti dhaga’amuu ibsan

Finfinnee, Amajjii 11, 2014 (FBC) – Artistii fi qabsa’aan Nuhoo Goobanaa addunyaa kanarraa du’aan boqachusaatti gaddi itti dhagahamuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uura Misooma Aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru.

Aadde Caaltuun Artiist Nuhoo Goobanaa du’aan boqachusaatti gaddi guddaan itti dhagayamu ibsanii, Maatiifi firrottan isaa maraaf jajjabina hawwaniiru.

Artiisti Nuhoon qabsoo guddina muuziqaa Oromoof taasise cinaatti hojiin inni qabsoo siyaasa Oromoo tokkummeesuuf gumaache seenaa qabsoo biyyanaa keessatti iddoo guddaa qabas jedhan Aadde Caaltuun.

Artisti Nuhoo Goobanaa tokkummaan Ummataa ijaarsa biyya keessatti gahee guddaa qabachuu ta’uu qaroo durse hubateedha jedhan.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.