Fana: At a Speed of Life!

Aadde Caaltuu Saanii Harargee Lixaatti harka qalleeyyii deeggaran

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Itti Aantuun Preezdaantii fi Qindeesituun Kilaastera Misooma magaaloota Oromiyaa Aadde Caaltuu Saanii harka qalleeyyii fi qaama miidhamtoota magaalaa Cirootiif deeggarsa midhaan nyaataa taasisaniiru.
 
Aadde Caaltuun Badhaasa Horii fi wantoota garaagaraa wantajjiiwwan garaagaraatti argatan badhaasni kun ummata kiyyaaf mala jechuun deebisanii harka qalleeyyiif laataniiru.
 
Bulchaan Godina Harargee Lixaa obbo Abduramaan Abdallaa aadde Caaltuu Saanii bakka bu’uun deeggarsa kana laataniiru.
 
Deeggarsa aadde Caaltuun taasiisaniif galateeffataniiru.
 
Muuxannoon aadde Caaltuu kun babal’achuu akka qabus dubbataniiru.
 
Qaama midhamtoonni fi harka qalleeyyiin deeggarsa argatan deeggarsa taasifameefitti gamaduu himuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshiin Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.