Fana: At a Speed of Life!

Aadde Muufariyaat Kamiil dhaabbilee raabsaa fi dhiyeessa deeggarsa namoomaa Idil addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Muufariyaat Kamiil adeemsa raabsaa deeggarsa namoomaa kutaalee kaaba Ityoophiyaa irratti dhaabbilee raabsaa fi dhiyeessa deeggarsa namoomaa Idil addunyaa waliin mari’ataniiru.
Naannolee Amaaraa fi Afaaritti raabsa deeggarsa namoomaan walqabatee hanqinoota mul’atanii fi tarkaanfii fudhatamuu qaban irratti mari’ataniiru.
Haaluma kanaan naannoo Tigraayitti deeggarsa qaqqabsiisuuf galmi kaa’amuu fi konkolaatoonni fe’umsaa naannicha seenanii deeb’uu dhabaniin harkifachuu ibsameera.
Konkolaatoonni kunneen akka deebi’aniif dhaabbileen raabsaa fi dhiyeessa deeggarsa namoomaa kunneen itti gaafatamummaa fudhachuun hoggansa barbaachisaa ta’e laachuun deebi’uu isaanii mirkaneeffachuu akka qaban ragaan minsteericharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.