Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Beer’aanootti pirojektiin jallisii lafa hektaara 124 misoomsu eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Naannoo Somaalee Godina Shabalee Aanaa Beer’aanootti lafa hektaara 124 misoomsuuf ga’umsa kan qabu pirojektiin misooma jallisii eebbifameera.

Baasii mootummaa federaalaan kan ijaarame pirojektichi, maatii gariin horsiisee bultootaa aanichaa Ganda Hiiloo Nogud 496 fayyadamtoota akka taasisu ibsameera.

Pirojektichi jila Ittaanaa Pireezidaantii Naannoo Somaalee Ibrahiim Usmaaniin durfamuun eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’uu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Jiraattonni naannawichaas pirojektiin misooma jallisii kun eebbifamuutti gammachuu isaanii ibsanii, pirojektichi oomishtummaa qonnaa fooyyesuuf kan tumsuun ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.