Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Ejereetti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC)- Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti balaa  tiraafikaa qaqqabeen abbaa fi ilma dabalatee lubbuu namoota 3 darbeera.

Balaa qaqqabeen kanneen lubbuun darbe dabalatee namoota 5 irra miidhaa qaama cimaan gaheera.

Balaan konkolaataa kun aanaa Ejeree ganda qonnaan bulaa Cirrii iddoo addaa Laga Bargaa jedhamee waamamutti kan qaqqabee.

Konkolaataan deddeebisa uummataa Minibaasii Amboo gara Finfinnee deemu fi konkolaataa fe’isaa ISUZU waliin walitti bu’uun  lubbuun namoota 3 battalumatti darbu Qindeessaa tiraafikaa aanaa Ejeree Saajiin Lammaa Guutaa himaniiru.

Balaa kanaan miseensi maatii tokkoo abbaa fi ilmi lubbuun darbuus himaniiru.

Iddoon balaan kun itti muudate maqaa cimaa (karvii) waan ta’eef konkolaachistoota saffisa isaanii hin eeggannee balaan kan qaqqabu ta’uu Saajin Lammaan himaniiru.

Guyyoota 7 keessatti godinichatti balaa tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 11 darbuun , namoonni hedduun miidhaa qaamaaf yoo saaxilaman, qabeenyarras balaa qaqqabuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa godina Shawaa Lixaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.