Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Heeban Arsiitti Baalli sammuu namaa Adoochu Kaanbis jedhamu to’atame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2014(FBC) – Godina Arsii lixaa aanaa Heeban Arsiitti Baalli sammuu namaa Adoochu Kaanbis jedhamu Konkolaataan 3 to’atame

Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsii Ganda Bukuu Woldaatti Baalli Sammuu namaa Adoochu (Kaanaabis) Jedhamu Maasii Qonnaan Bultootaa heddu Keessatti Sakkata’iinsa Tasaa fi eeruu ummataan qabamuu ibsameera.

Itti Aanaan Bulchaan Aanaa Heeban Arsii Obbo Daanyuu Waarituu “Baalli Sammuu namaa Adoochu Ashiishiin kun ilma namaatiif gonkumaa kan hin barbaachisnee fi gocha badaa ta’uun ummanni hubatee eeruu qaama nageenyaaf kennuu akka qaban himuun, Gochi kun yeroo jalqabaatiif Aanicha keessatti argamuu” dubbataniiru.

Baalli sammuu namaa Hadoochu Ashiishiin kun Maasii Qonnaan Bulaa 11 keessatti kan argamee fi kun konkolaataan 3 kan fe’amee fi lafa hektaara 1.5 irraa kan funaanname ta’uu himaniiru.

Gandoota Aanichaa 3 keessatti ammasi shakkiin jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Heeban Arsii obbo Kibree Gammadii ibsaniiru.
Namoonni dhimmicha waliin hidhata qaban to’atamuu fi kanneen hafan barbaaddamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Poolisii Aanaa Heeban Arsii Saajiin Olaanaan Aabbuu Tashitee himaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.