Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Jiddaatti lafa jallisiin misoomsuuf karoorfame keessaa 89 % ol sanyii uwwifame

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaatti lafa jallisii Boneen misoomsuuf karoorfame keessaa 89 % ol sanyii Qamadii fi Garbuu Biiraan uwwifamuu ibsameera.
Aanichatti lafa hektaara kuma 4 ol misooma jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu itti Aanaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa aanichaa Muul’ataa Dajanee beeksisaniiru.
Aanichatti bara kana Omishaa fi Omishtummaa Qonnaan Bulaa daraan guddisuuf lafa hektaara kuma 4 fi 300 misooma jallisiin misoomsuuf karoorfamee mala aadaa fi ammayyaa fayyadamuun hojjetamaa jiraachuu ibsanii jiru.
Bara kana tiraaktera fayyadamuun kilaasteraa Qamadii fi Garbuun Biiraa Oomishamaa jiraachuu eeraniiru.
Hanga gabaasni kun qindaa’eetti lafti hektaarri 80 ol kilaastera Garbuu Biiraan uwwifamuusaa himeera.
Rakkoowwan dhiheessii sanyii fi xaa’oon walqabatee mudatu furuuf liqaan mijachuun qonnaan bulaan harka qalleeyyiin qixa misooma jallisii kana irraa fayyadamuu akka danda’aniif hojjechaa jiraachuu dubbachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa aanichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.