Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Warra Jaarsootti miseensonni Shanee 190 meeshaa waraanaa 30 waliin karaa nagaan harka kennatan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsootti miseensonni Shanee 190 meeshaa waraanaa 30 waliin karaa nagaan harka kennataniiru.

Godina Shawaa Kaabaa aanaalee Shan rakkoo nageenyaa qaban keessatti miseensonni Shanee 300 ol ta’an karaa nagaan harka kennachuusaanii, Bulchiinsi Godinichaa bekksise.

Aanaalee kanneen keessatti gareen Shororkeessaa Shanee namoota nagaa miidhuu fi qabeenya barbadeessaa turuun ni yaadatama.

Aanaalee kanneen keessaas, Aanaan Warra Jaarsoo isa tokkodha.

Aanaa Warra Jaarsootti miseensonni Shanee 190 ta’an meeshaalee Waraanaa 30 waliin waamicha Mootummmaa fi Abbootiin Gadaa taasisaniif fudhachuun karaa nagaan harka kennachuusaanii OBN gabaaseera.

Haaluma walfakkaatun Godina Wallaggaa Baha Aanaa Gudaaya Biilaatti hordoffii qaamolee nageenyaan rasaasni Bireenii kumni 1 fi 455 to’annoo jala oleera.
Itti gafatamaan waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Aanaa Gudaaya Biilaa Obbo Gaaddisaa Bayaan, hordoffii qaamoleen Nageenya Aanichaa fi miseensoonni shanee 8 qabamanii oddeeffannoo kennanii rasaasni Bireenii kumni 1 fi 455 Aanaa Bakkoo Tibeeti to’annaa jala oleera jedhan.
Galaana Tasfaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.