Fana: At a Speed of Life!

Aangoon Traamp Iiraan irratti waraana labsuuf qaban daanga’e

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ameerikaa preezdaant Traamp Iiraan irratti waraana labsuuf qaban akka daanga’u mirkaneesse.

Murteen darbe kun Demokraatota biratti sagalee caalmaan fudhatama argatus, Rippaablikaanota biratti ammoo fudhatama dhabeera.

Akka seera Ameerikaatti haala addaatin haleellaan Ameerikaa irra yoo ga’e waraana Iiraan waliin raawwatamurratti murtee dabarsuuf aangoo kan qabu koongireesiidha.

Ammatti Ameerikaas ta’e Iiraan karoora waraana waliinii qabaachuu ifatti ibsuu baatanis tarkaanfiiwwan tibbana fudhataman waraanaa gadi miti.

Tarkaanfiin Ameerikaan torbee darbe jeneraala Iiraan irratti fudhatte ”Ameerikaan humna fayyadamtee haleellaa raawwachuu ishee kan mul’iseedha.

Waraanni Iiraan waliinii murtee koongireesiin malee akka hin raawwatamnee fi atakaaroon Iiraan waliinii akka dhaabbatu jedhamee ture.

Labsiin kun haleellaan addaa yoo Ameerikaa irra ga’e bifa addaan tarkaanfitti seenuun akka danda’amuu fi haalli akkasii yoo mudate koongirasii eeyyamsiisuun dirqama akka hin taane kaa’a.

Labsiin kun akkaataa ‘Walii galtee aangoo waraana labsuu idil-addunyaa kan bara 1973tiin’ kan qophaa’edha.

Miseesonni Demokraatootaa fi Riippaablikaanotaa murtee darbe irratti ammallee yaada isaanii dhiyeessaa jiru.

Preezdaant Traamp fuula Twiitarii isaanii irratti yaada barreessaniin Rippaablikaanoonni murtee kan akka morman abdiin qaba jedhaniiru.

Jeneraal Sooleemaaniin haleellaa cimaa fudhachuuf karoora qabaachuu fi Imbaasii Ameerikaa Baagdaaditti argamu irratti xiyyeeffatanii waan turaniif dursinee dhaabsiisuun keenya tarkaanfii sirriidha jedhan.

Seera baaftonni Rippaablikaanotaa hedduun Traamp cinaa akka dhaabbatan himameera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.