Fana: At a Speed of Life!

Aartist Solomoon Alamuu du’aan boqote

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Taatoo, Barreessaa fi qopheessaa diraamaa beekamaan Artist Solomoon Alamuu du’aan boqote.

Diraamaa raadiyoo “Abbiyyee Zargaawuu” jedhamuun caalmaan kan beekamu Aartist Solomoon Alamuu, afaanotaa shaniin diraamaa raadiyoo 500 ol, tiyaatiraa fi asoosamootaa gaggabaaboo garagaraa hojjeteera.

Seenaa Raadiyoo Ityoophiyaa keessatti bara 1975-1980 gumaachaa olaana Aartistii taasiseedha jedhameera.

Artisti Solomoon Alamuu, sababa dhukkubaan wal’aanamaa erga turee, halkan edaa du’aan addunyaa kanarraa boqochuu EBC’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.