Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangaa Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee shakkamtoota 14 irratti ragaalee qorannoo duraa 9 dhageessise

Finfinnee Hagayya 27, 2012 (FBC) – Abbaan Alangaa Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee shakkamtoota 14 irratti ragaalee qorannoo duraa 9 dhageessiseera.
 
Abbaan Alangaa ragaalee qorannoo duraa 15 qopheessuu ibsuun, kanneen keessa 4 sababa garaagaraa fi yeroon ragaa akka hin dheeratu hin barbaadu jechuun dhadhachichaaf ibseera.
 
Ragooliin tarree 11ffaa fi 14ffaa irratti galmaa’an bilbilli isaanii hojjechuu dhabuu isaan Hagayya 29, 2012 golga duubaan ragaan akka dhaga’amuuf gaafateera.
 
Abbaan Alangaa Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa galma Lidaataatti obbo Jawaar Mahaammada dabalatee shakkamtoota 14 irratti guyyaa har’aa ragaalee hafan lama dhageessiseera.
 
Abuukaatoonni shakkamtootaa kanneenii abbaan alangaa ragaalee hafan kan dhageessisuu fi hin dhageessisne adda baasuun nuuf yaa tarreessuu jechuun gaafataniiru.
 
Abbaan Alangaas nageenya isaaniif jecha tarreeffama isaanii hin ibsu jedhaeera.
 
Namoonni dhuunfaan kana dura ragaa turan dhukaasa itti dhukaafameen miidhamanii buufata Poolisii buluu eerun, yeroo garaagaraatti dorsisnii fi sodaachisoon qaamoolee kanneen irra ga’uu isaan tarreeffama isaanii hin ibsu jedheera.
 
Shakkamtoonni kunneenis iyyannoo garaagaraa galmeessiisaniiru.
 
Obbo Baqqalaa Garbaa herreegni baankii isaanii ugguramuu fi konkolaataan dhuunfaa isaanii kan hin deebineef ta’uu iyyannoo dhiyeeffataniiru.
 
Qabiinsi mana sirreessaas akka sirreeffamuuf gaafataniiru.
 
Obbo Hamzaa Adaanaas barruulee fi gaazeexaalee biroon maqaan koo badaa jira jechuun iyyataniiru.
 
Obbo Shamsaddiin Xahaan ammoo dhibee gurraa qabaniif dhaabbata yaalaa barbaadaniitti akka yaallaman ajajni manni murtichaa dabarse hojiirra hin oolle jechuun irra deebiin iyyataniiru.
 
Manni murichaa dhimmicha dhaggeeffachuun iyyaannoo dhiyaate irratti ajaja laachuu fi ragaalee qorannoo duraa golga duubaa hafan 2n dhaggeeffachuuf beellama jijjiirraa Hagayya 29, 2012tti laateera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.