Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitichaa ‘Afrikaan Paarkis Neetwark’ waliin waliigaltee Doolaara miiliyoona 5 mallatteesse

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Eeggumsa Bineensota Bosonaa Ityoophiyaa ‘Afrikaan Paarkis Neetwark’ waliin waliigaltee Doolaara miiliyoona 5 mallatteessuu beeksise.

Kaayyoon waliigaltichaa paarkiiwwan Gaambeellaa fi Oomoo tumsaan hojjechuuf ta’uu Daayreektarri olaanaan Afrikaan Paarkis Neetwark Piitar Wiitnaay ibsaniiru.

Roobii darbes Abbaa Taayitaa Sudaan Kibbaa waliin waliigaltee walfakkatu mallatteessuu himaniiru.

Dhaabbileen lamaan hojii seera kabachiisuu, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, Tuurizimii, misooma hawaasummaa fi eeggumsa lubbuu qabeeyyirratti tumsaan kan hojjetan ta’uu ibsameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.