Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa dhuunfaa indaastirii Aviyeeshiniirratti akka bobba’an waamichi dhiyaate

Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa dhuunfaa invastimantii indaastirii Aviyeeshiniirratti akka bobba’an Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Ityoophiyaa waamichi dhiyeesse.

Abbaan Taayitichaa dameen dhuunfaa hirmaannaan indastirii aviyeeshiniirratti qabu akka cimuu keessumaa, ijaarsaa fi bulchiinsa buufata xiyyaaraa fi helikooftara xixiqqaarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeesseera.

Yeroo ammaa Ityoophiyatti sadarakaa buufataa xiyyaaraa idil addunyaa 4’f kenname dabalatee tajaajila idilee 22 kennaa jiraachuun ibsameera.

Baay’inni kunis waliingahiinsaanis ta’e gama saffisa tajaajilichaan gahaa akka hintaane akeekameera.

Daayrektarri Abbaa Taayitichaa Geetaachoo Mangisteen ibsa miidiyaaleef kennaniin, Ityoophiyaan damee geejjibaa qilleensaan adda duree ta’uu eeruun, ijaarsa buufataa xiyyaaraa fi heelikooftaraa xixiqqaan biyyoota biroo waliin yoo madaalamu gadaanaa ta’uu himaniiru.

Dabalataanis, damee misoomaa faayidaa biyyaalessaa fi naannoleef olaanaa ta’ee kanarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessuun, abbaan tayitichaa misoomsitootaaf deeggarsa akka taasisu ibsameera.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.