Fana: At a Speed of Life!

ABUT irra deebiin waraana eegaluuf sochii jalqabuun, garichi waraana malee jiraachuu akka hin dandeenye agarsiisa – Hayyoota

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT irra deebiin waraana eegaluuf sochii jalqabuun, garichi waraana malee jiraachuu akka hin dandeenye agarsiisa jedhan Hayyoonni.
Garichi kallattii garaagaraan waraana eegaluuf qophii taasiisaa jiraachuu ragaan Dubbii Himaan garichaa baasaa jiran kan muul’isu ta’uu ibsameera.
Garichi waraana malee jiraachuu waan hin dandeenyef irra deebiin daandii badii filachuu Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi hariiroo Idil addunyaa Suraafeel Geetahuun ibsaniiru.
Tasgabbii fi Nageenyi Ummata Tigraay badii isaa waan saaxiluuf,yeroo hunda ummatichatti diina horuun boqonnaa dhabsiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Garichi irra deebiin waraanaa eegaluuf fedhii agarsiisuun isaa, abjuu Ityoophiyaa diiguuf qabu dhugoomsuuf ta’uu Yuunvarsiiitii Goondaritti Barsiisaa fi qorataan seeraa Adaanaa Maandeen ibsaniiru.
Garicha daandii badiirraa ittisuuf ummannii fi beektoonni Tigraay dura dhaabbachuu akka qaban dhaamaniiru.
Afawarq Iyyaayuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.