Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan miseensa BRICS akka taatu deeggarsi Chaayinaan taasiifte hariiroon biyyoota lamaanii cimaa ta’uu agarsiiftudha – Ambaasaaddar Zhaa’oo Zhiiyuu’aan

Finfinnee, Ebla 28, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa kan turan Zhaa’oo Zhiiyuu’aan yeroo hojii isaanii xumuruun gara biyya isaanii deebi’aniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eelii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaniru.

Hariiroon biyyoota lamaanii waggoota 50 ol kan lakkoofsisee fi gara tumsa tarsiimowaatti guddachuu Ambaasaaddar Zhaa’oo Zhiiyuu’aan ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi turtii isaaniin hariiroon biyyoota lamaanii caalmaatti akka cimu gumaacha olaanaa ba’achuu eerameera.

Itiyoophiyaan miseensa BRICS akka taatu deeggarsi Chaayinaan taasiifte hariiroon biyyoota lamaanii cimaa ta’uu agarsiiftuu ta’uu Ambaasaaddar Zhaa’oo Zhiiyuu’aan eeraniiru.

Mintasinooti Mulugeetaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.