Fana: At a Speed of Life!

ABUT Kaampii Raayyaa Ittisa Biyyaa Naannoo Tigraayitti argamurratti haleellaa raawwate

Finfinnee Onkololeessa 24/2013 (FBC)- Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Kaampii Raayyaa Ittisa Biyyaa Naannoo Tigraayitti argamurratti haleellaa raawwate.

Muummichi Ministiraa Itoophiyaa Doktor Abiyyi Ahimad Fuula Facebook isaaniirratti akka barreessanitti Addi Bilisa baasaa ummata Tigiraay ajaja damee waraana kaabaatiis saamuuf yaalee jira. Raayyaan ittisa biyyaa kaaba jiru waggaa 20 oliif nageenya ummata Tigraayi eegaa kan ture tahuus Doktor Abiy himanii jiru.
Addi bilisa baasaa ummata Tigraayi garuu raayyaa ittisa biyyaa akka waraana diinaatti ilaaluun raayyaa ittisa biyyaa haleeluufi saamuuf ka’era.

Gama iddoo Daalshaah jedhamuuniis waraana banee jira.

Mootummaan ummanni Naannoo Tigraay akka hin miidhamne yaaduun waraanni akka hin banamne obsee jira, lolli garuu fedhii qaama tokkoo qofaan kan dhaabbatuu miti.

Raayyaan ittisa biyyaa koomaand poostiin hoogganamaa ergama biyya balaarraa baraaruu akka fudhatu ajajni kennameefii jira.

Obsi daangaa dabree jira, Biyyaafi ummata balaarraa baraaruuf jecha humnaan deemuun filannoo isa dhumaa tahuu isaa Dooktor Abiyyi himanii jiru.

Ummanni biyya keenyaa haala jiru qalbiifi obsaan hordofaa rakkoowwan iddoo adda addaatti mudachuu malan dammaqinaan eegaa raayyaa ittisa biyyaa maddii akka hiriiru waamicha dabarsanii jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.