Fana: At a Speed of Life!

Adaamatti Pirojektiin giddugala bilbilaa fi atteendaansii diijitaalaa ifoome

Finfinnee, Amajjii 4, 2015(FBC)- Qaama pirojeektii ‘Adaamaa Smart City’ kan ta’e pirojeektiin giddugala bilbilaa fi to’annoo yeroo (Atteendaansii) dijitaalaa ifoome.

Sagantaan pirojekticha ifoomsuu guyyaa har’aa bakka qondaaltonni mootummaa fi keessummoonni biroon argamanitti Magaala Adaamatti ifoomeera.

Giddugalli bilbilaa har’a ifoome jiraattonni magaalattii yaaddoo nageenyaa, balaa tiraafikaa fi hojii seeraa alummaa mul’atan eeruu kennuuf akka tumsu ibsameera.

Magaalaa Adaamaa ‘Smart City’ taasisuuf hojjatamaa kan jiru yoo ta’u, rakkoolee seeraa alummaa, malaammaltummaa fi hoji dhabdummaa hir’isuun, tajaajila si’ataa kennuu akkasumas magaalaa jiraattotaaf mijattuu taate uumuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Raawwiin hojii Pirojektichaa fi xiyyeeffannaa fuulduraarratti mari’atamaa jira.

Mulugeetaa Girmaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.