Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii miiliyoona 3tti siqaa jira

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 3tti siqaa jira.
 
Joon Hoopkiins Yuunvarsiitiin akka beeksisetti amma ammaatti addunyaarratti namoonni miiliyoona 2 fi kuma dhibba 9 fi kuma 71 ol ta’an vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.
 
Lakkoofsi namoota vaayrasichaan lubbuu isaanii dhabaniis kuma dhibba 206 ol qaqqabeera.
 
Gama biraatin Xaaliyaan dhoorkii sochii baastee turte kaasuuf murteessiteetti.
 
Muummee ministiraa Xaaliyaan Juuseeppee Koonteen biyyattiitti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii fi lubbuu isaanii dhaban hir’achaa dhufuu isaatin dhoorkii sochichaa kaasuuf murteessaniiru.
 
Eebila 26,2012 eegalee walgaaffiin maatii ni eegalama. Akkasumas paarkonnii fi warshaaleen hojii ni eegalu.
 
Caamsaa 24 manneen miidhaginaa, kaaffee fi manneen nyaataa ni banamu; yaata’uutii manneen nyaataa taa’anii soorrachuun hin danda’amu.
 
Sirnoota awwaalaarrattis amma nama 15 hirmaachisuun eeyyamameera.
 
Manneen barnootaa garuu amma Fulbaanaatti hin banamani.
 
Akka gabaasa “BBC” fi Aljaziiraatti Xaaliyaan amma ammaatti vaayrasichaan namoota 26,644 du’aan dhabdeetti.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.