Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii kuma dhibba 3 caale

Finfinnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii kuma dhibba 3 caaluu himame.
 
Akka ragaan maappii addunyaa fi ‘Worldometer’ jedhaman agarsiisanitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 4 fi kuma dhibba 5 fi kuma 27 fi 328 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 3 fi 418 du’aniiru.
 
Namoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 5 fi 840 ammoo dhibichaarraa dandamataniiru.
 
Namoonni kumni 45 fi 557 ammoo wallaansa cimaa keessa jiru jedhame.
 
Kanneen du’an keessaa namoonni kumni 86 fi 912 lammiilee Ameerikaa ta’uu isaanii ibsameera.
 
Afrikaattis namoonni kumni 2 fi 579 lubbuun yoo darban, namoonni 290 yaala wallaansa cimaa keessatti argamu jedhame.
 
Lammiileen Afrikaa miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 50 waggaa tokko keessatti dhibee kanaan qabamuu akka danda’an Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsa kaleessa laateen ifoomseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.