Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsii namoota COVID-19 qabamanii miiliyoona 35 darbe

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC)- Vaayrasiin koroonaa Chaayinaa magaalaa Wuhaaniitti erga muul’atee baatiwwan muraasa keessaatti namoota miiliyoona 35 ol qabeera.

Lubbuun namoota miiliyoona 1 oliis darbeera.

Biyyoonni kunneen akka Ameerikaa, Hindii fi Biraaziil vaayrasichaan hubamaniiru.

Ameerikaatti namoonni miiliyoonni 7.6 vaayrasichaan yoo qabaman, kumni dhibbi 2 ol ammoo lubbuun darbeera.

Hindiitti namoonni miiliyoonni 6 ol vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma 1 olii darbeera.

Biraaziilitti ammoo namoonni miiliyoonni 4 COVID-19 yoo qabaman, lubbuun namoota kuma 1 olii darbeera.

Namoonnii miiliyoonni 26.6 ammoo kanneen vaayrasii koroonaarra dandamataniidha.

Maddi:-Wordometers

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.