Fana: At a Speed of Life!

Adwaan injifannoo keenya; hambaa keenyas-TKM

Finfinnee, Guraandhala 3, 2016 (FBC)- Adwaan injifannoo fi hambaa keenya jechuun Tajaajilli Kominikeeshnii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi ibsaa baaseen, Itiyoophiyaan biyyoota sirna mootummaa fi giddugalaa qaroominaa taatee keessaa adda durummaan kan eeramtu ta’uu eereera.

Adeemsa seenaa kana keessatti birmadummaa fi bilisumma Itiyoophiyaa sarbuuf weerarri garaagraa gaggeeffamuu yaadachiisuun, weerara kanas injifannoon irraa aanuun fakkeenya bilisummaa addunyaa ta’uu kaaseera.

Adwaan asxaa injifannoo fi bilisummaa ta’uus ibseera.

Akksumaas lafee fi dhiiga Itiyoophiyaanotaan kan ijaarame asxaa hinjilbeenfadhuuti jedheera.

Inifannoon Adwaa abbootiin garaagaraummaa tokkoo malee dhiigaa dhangalaasanii, lafee itti cabuun injifannoo kan gonfatan ta’uutti dabalataan dhugaawwan jiraan kattaa jabaarratti akka ijaaramuu taasisuu himeera.

Kanaaf Adwaan injifannoos, hambaas ta’uu beeksiseera.

Adwaan biyya tokkummaa ishee garaagarummaan keessan ijaaramteef bu’uura kan kaa’ee fi ammas ashaaraa dhalootaa ta’uun, fakkii biyya guddoo kan argisiisuu boqonnaa seenaa isa ijoodha jedheera.

Adwaan olaantummaa fi fedhii gita bittootaa kan hiika dhabsiise, bantii seenaa ta’uu eeruun, hambaa walitti hidhamiinsa ummtootaa gurraachaa, asxaa qabsoo Afriikaanotaa fi maddaa ciminaa miiraa ta’uu ibseera.

Adwaan, lammiilee Itiyoophiyaa hundaa fo’aa jaalala biyyaan kan walitti hidhe, labsii bilisummaa birmadummaa biyyaa kan durse yoo ta’u, tokkummaan sabdaneessummaa Itiyoophiyaa kan bu’uureffamee fi diinotaa keenyaatti ammoo qaanii kan haguugeedha jedheera.

Magaalaa Finfinne wiirtuu Birbirsaa Goorootti kan ijaarame pirojektiin Godambaa Yaadannoo Injifanoo Adwaa qaamaa haqa kanaa ta’uus hubachiiseera.

Pirojektichi haala injifannoo Adwa gituun ijaaramee daawwannaaf banaa ta’uun, injifannoo waloo ifaa baasuu, seenessiiwwan qoqqoodoo waarinaan dhabamsiisuun, seenessiiwwan waloon akka ijaaramuu fi dhalootatti akka darbu taasisuun, tokkummaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa fi obbolummaan akka hidda gadi fageeffatu gama taasisuun faayidaa olaanaa akka qabaatus ibseera.

Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanota qofaaf utuu hintaane qabsoo ummatoota gurraachaaf asxaa fi madda cimina miiraa ta’uu himuun, godambaan yaadannoo injifannoo Adwaa teessoo Afriikaa Finfinneetti ijaaramuun Itiyoophiyaanotaaf yaadannoo qofa utuu hintaane obboloota keenyaa Afrikaa wareegamaniif illee yaadannoo ta’uu eereera.

Teessoo Gamtaa Afrikaa kan taatee Finfinneen pirojektii injifannoo Adwaa galmaan ga’uun duudhaa Afrikummaa qabdu caalmaan kan ifatti mul’isuudha jedheera.

Pirojektichi akkuma pirojektoota biyyaalessaa biroo akkumaa waadaa galametti jalqabanii xumuruuf karooraa qabamee galmaan ga’uuf ragaa biroo ta’uu kaaseera.

Pirojektichi galma ga’uunis Itiyoophiyaan kaayyoo olaanaa akka raawwattuuf milkaa’ina akeeku ta’uu ibseera.

Dabalataan Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa kun faayidaan waloo Itiyoophiyaanotaa kan kabajamu walta’uun malee addaa adda qoqqoodamuun akka hintaanee mallattoo ta’uu eereera.

Godambichi haala kanaan xumuramuu fi eebbaaf ga’uun rakkoolee yeroof harkaa utuu hinkenniin utubaaleen biyyaalessummaa akka milkeeffamuuf injifannoo hubachiisu ta’uu himeera.

Seenessiiwwan qoqqoodoon utuu hindagamin akkasumas hinjilbeenfatiin seenessiiwwan waloo cimsuun duudhaalee injifannoo Adwaan, Itiyoophiyaa badhaatee fi cimtuu dhugoomsuuf waloon socho’uun humni lafarraa duubatti deebisuu akka hinjirree argisiistuudha jedheera.

Pirojektiin Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaas Galmee seenaa injifannoo olaanaa ittiin leellisnuu fi dhalootatti darbu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa isaan akeekeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.