Fana: At a Speed of Life!

Af Yaa’iin MMBBU ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasee Caafoon ayyaana bara haaraa 2016 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Bara haaraatti tokkummaa fi walummaan ummata Itiyoophiyaa caalmaatti akka cimu hawwii qabaachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan bara 2015 rakkoolee keessoo fi alaa dandamachuun bu’aawwan diinagdee fi hawaasummaa hedduu galmeessuu dubbataniiru.

Garaagartee siyaasaa jiru mariin fi waldhaggeeffachuun furuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Garaagartee jiru mariin furuuf komishiniin maree biyyaalessaa hundaa’e qophii taasiisuu eeraniiru.

Barri haaraan bara gammachuu, badhaadhinaa, dhiifamaa, nageenyaa fi araaraa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.