Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa Haala nageenyaa fi tasgabbii yeroorratti mari’achuun ibsa kenne

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa adeemsa marii biyyaalessaa, ce’umsa haqaa, Haala nageenyaa fi hojiilee olaantummaa seeraa mirkaneessuu hojjetamaa jiru irratti mari’achuun ibsa keneera.

Magaalaa Finfinnee dabalatee magaaloota biyyattii garaagaraa keessatti haleellaan shororkeessummaa adda addaa raawwatamuuf karoorfame fashalaa’uu ibseera.

Yeroo ammaa akkaataa adeemsa bu’ura maree biyyaaleessan Naannolee 10 fi bulchiinsa magaalootaa 2 keessatti hojiin hirmaattoota foo’uu xumuramuu ibseera.

Hanga ammaattis Aanaalee 679 keessaa hirmaattoonni kumni 12 fi 294 adda baafamuu himeera.

Imaammanni Ce’umsi haqaa ittiin hoogganamu ragga’uus manni marichaa ibsa har’a kenneen himeera.

Qophii imaammaticharratti qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaachuu fi Imaammanni kunis muxxannoo idil addunyaa bu’uura gochachuun qophaa’uu ibseera.

Qophii duraaf qofa waltajjiin galtee walitti qabuu sadarkaa naannoo 60 fi biyyaalessaa 20 gaggeeffamuu eereera.

Kaayyoon imaammatichaa araara, buusuu, olaantummaa seeraa, haqaa, Diimokiraasii fi nageenya waaraa mirkaneessuu ta’uu himeera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.