Fana: At a Speed of Life!

Afgaanistaan hidhamtoota Taalibaan kuma 1 ol gadhiisufi

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Afgaanistaan hidhamtoota Taalibaan kuma 1 fi 500 gadi dhiisufi.

Preezdaantiin Afgaanistaan Ashiraaf Gaaniin hidhamtoota kanneen hiikuuf sanada ajajaaf qophaa’e mallatteessaniiru.

Haaluma kanaan bulchiinsi hidhamtootaa torbee lamaan dhufan keessatti hidhamtoota Taalibaan kuma 1 fi 500 kan gadi lakkiisu ni ta’aa.

Hidhattoonni Taalibaan mana hidhaatii gadi lakkifaman kanneen gara dirree waraanaatti akka hin deebine ragaan mirkana barreeffamaa akka kennamuuf waliigalameera.

Dabalataan humni hidhattootaa, haleellaa Afgaanistaanitti qaqqabaa jiru akka dhaabaniif bulchiinsi Ashraaf Gaanii gaafateera.

Murtoon mootummaa kun araara mootummaa fi garee hidhate waliin taasifamu milkeessuuf abdiidha jedhameera.

Hidhamtoonni hiikamuun cinaattis mariin nageenya Afgaanii fi Taalibaan akka gaggeeffamu himameera.

Hidhamtoonni ni hikamu jedhaman biyyoota hundarraa yeroo garaagaraa kan hidhaman yoo ta’an, hidhattoonni Taalibaan keessa jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu isaanii wanti jedhame hin jiru.

Yeroo dheeraa kan lakkoofsise mariin nageenyaa Afgaanii fi Taalibaan sababoota garaagaraatin bu’aa yaadame fiduu hin dandeenye.

Madii:-Rooytars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.