Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti sa’aa 12 keessatti namoonni 669 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Afrikaatti sa’aa 12 keessatti namoonni 669 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru.
 
Namoota vaayrasichaaf saaxilamaniin ala, kaleessa qofa namoonni 34 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Haaluma kanaan namoonni Afrikaatti amma ammaatti lubbuu isaanii dhaban 747 qaqqabeera.
 
Wiirtuun Ittisaa fi To’annoo Dhibee Afrikaa akka beeksisetti weerarri vaayrasichaa aardichatti dabalaa dhufeera.
 
Biyyoota Afrikaa 54 keessaa vaayrasichi biyyoota 52 keessatti mudateera.
 
Amma ammaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamaniis 13,814 qaqqabeera.
 
Wiirtichi akka beeksisetti biyyoonni Afrikaa weeraricha to’achuuf tarkaanfiiwwan addaddaa fudhachaa jiru.
 
Amma ammaattis tarkaanfiiwwan imala geejibaa daangessuu, iddoolee fi sirnoota namoonni itti heddummaatan dhoorkuu, manneen barnootaa cufuu, hojjettoonni dabareedhan akka hojjetan taasisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
 
Tamsa’ina vaayrasichaa ilaalchisuun wiirtichi naannolee Afrikaa 5 ifoomsera.
 
Kaabni Afrikaa caalmaatti kan miidhame yammuu ta’u, namoonni 6,098 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Namoonni 564 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Dhiha Afrikaatti namoonni 3,106 vaayrasichaaf yoo saaxilaman, 82 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Naannoo Kibba Afrikaatti saaxilamni 2,180 yoo ta’u, kan lubbuu isaanii dhaban 35 ta’uun galmaa’era.
 
Jiddugala Afrikaatti saaxilamni 1,229 fi duuti 38 galmaa’era.
 
Baha Afrikaatti ammoo kan saaxilaman 1,201 yoo ta’an, lakkoofsi namoota du’anii 28 ga’eera.
 
 
Maddi; Anaadooluu
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.