Fana: At a Speed of Life!

Ajajaa fi dhorkaa Qajeelcha Ajaja Waliigalaa labsii yeroo ariifachiisarraa laatame

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Buu’uura Labsii yeroo ariifachiisaa Manni Maree Ministirootaa nageenyaa fi Tasgabbii labse lakkoofsa 6/2015 Qajeelcha Qajeelchi Ajajq Waliigalaa labsichaa ajajaa fi dhorkaawwan kaa’eera.

Qajeelchi waliigalaa kun erga hundaa’ee eegalee hojiilee raawwatamam gamaaggameera.

1. Bahri daar, Goondar, Dabra Birihaan, Dabra Maarqoos, Shawaa Roobiitii fi Laallibaatti dhaabbileen tajaajilaa Hagayya 4, 2015 eegalee tajaajila ummataaf banaa akka ta’u ajajeera.

2. Iddoolee kanneenitti daangeffama yeroo hanga Hagayya 17, 2015tti turu kaa’eera.

Bu’uuruma kanaan konkolaattoota tajaajila yaala, dhaabbilee yaalaa tasaa,ogeeyyii yaalaa fi dhaabbilee nageenyaan ala namni kamiiyyuu galgala sa’aatii 1:00 booda socho’uun dhorkaa ta’uu eereera.

3.Eeyyama Qajeelchichaan ala bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti walga’ii, hariira dirree fi kanneen biroo taasisuun dhorkaa ta’uu ibseera.

Akkasumas gochaa sochii uummataa fi tajaajila geejjibaa gufachiisu tàsisuun dhorkaa ta’uu himeera.

4.Naannicha keessatti qaamolee seera kabachiisanii fi qaamolee kanneeniin eeyyamni laatamefiin ala meeshaalee waraanaa qabatanii aragamuu fi daddabarsuun goonkuma dhorkaadha.

5.Magaaloota lakkoofsa tokkorratti ibsaman kanneen keessatti hanga Hagayya 17, 2015tti Baajaajii fi Dodoqqee sochoosuun dhorkaadha.

6.Baajaajii fi Dodoqqeen ala magaaloota kanneen keessatti dhaabbileen tajaajila geejjibaa Hagayya 4, 2015 eegalee tajaajila laachuun dirqama ta’uu hubachiiseera.

7.Labsii yeroo ariifachiisaa uwwisa godhachuun qajeelcha waliigalaa labsichaan ala haala yeroo sababeeffachuun adeemsa seeraa idileen ala namoota dhuunfaa hidhuu, tursiisuu, manneen daldalaa saamsuu fi tarkaanfiiwwan kannneen fakkàatan biroo fudhachuun daraan dhorkaadha.

Ajajawwanii fi dhorkaawwan olitti tarreeffaman qaamolee cabsanirratti bu’uraa labsichaa keeyyata 7 humna fayyadamuu, akkasumas adeemsa madaallawaa ta’een tarkaanfiin akka fudhatamu qaamolee seera kabachiisaniif qajeelfamni laatameera.

Hagayya 3, 2015
Finfinnee

Qajeelcha Ajaja Waliigalaa Labsii yeroo ariifachiisaa

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.