Fana: At a Speed of Life!

Ajandaalee jireenya ummtaa jijjiiran irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibse

Finfinnee, Bitootessa 15, 2015 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ajandaalee jireenya ummataa gama hawaasummaa fi diinagdeen jijjiiran irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu Ittaanaan Pireezidaantii Naannichaa Obbo Awwaluu Abdii dubbatan.

Waltajjiin sosochii ijaarsa manneen jireenyaa ammayyaa qonnaan bultootaa fi qophii qonnaa gannaa 2015/16 Magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Obbo Awwaluu Abdiin, hojiilee jireenya ummata naannichaa jijjiiranirratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Qonnaan bultoonni, baankii dabalatee tajaajila liqiitiin manneen jireenyaa ammayaa’aa qabaachuu qabu jedhan.

Waltajjiin sosochii eegalameen manneen baadiyyaa ammayyaa kuma 100 ijaaruuf karoorfamuu eeran.

Manneen jireenyaa kunneen meeshalee naannawaatti argamaniin gatii gadaanaan kan ijaarmaan ta’uus jedhaniiru.

Gama biraatiin naanichaatti gamaa Buusaa Gonofaatiin barattoota miiliyoona 5 ol sagantaa nyaataa manneen barnootaan fayyadamtoota ta’uu yaadachiisaniiru.

Naannawaa hongeen miidhamanittis deeggarsi taasifamaa jiru cimee itti fufuu kaasanii, hoggansi sadarkaan jiruu fi hawaasni gahee isaanirraa eegamu akka bahataan hubachiisaniiru.

Naannichatti daldalaa seeraan alaa midhaanii, daldala albuudaa fi beeyladootaa, kontiroobaandii fi rakkoolee biroo furuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.