Fana: At a Speed of Life!

Akkaataa Oomishtoota midhaan zayiitaa fi oomishtoota zayitaa walitti hidhuun danda’amurratti mari’atame

Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC)- Akkaataa oomishtoota midhaan zayiitaa fi oomishtoota zayitaa gidduutti walitti hidhamiinsa uumuun danda’amurratti mari’atame.

Waltajjiin Ministeeraa Indaastirii, Ministeera Qonnaa fi Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa waliin ta’uun qopheessan, akkaataa oomisha midhaanota zayiitaa, oomishaa fi omishtummaa dabaluu fi rakkoolee dhiyeessii galteewwaniirratti mari’achuun furuuf akkasumas walitti hidhamiinsa uumuuf kan kaayyeeffate ta’uun ibsameera.

Dameen qonnaa wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee ‘agiroo pirosesiingiif’madda galtee dheedhii ta’uun guddina waliigalaa biyyattii %30 kan qooddatu ta’uu Minister Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Malasee Mokonnin dubbataniiru.

Oomishalee midhaanii oomishaman keessaa %68 kan ta’uu midhaanota dheedhii ta’uu himanii, oomisha midhaanota zayitaa qindeessuuf haalli mijataan jiraatus akka irratti hinhojjetamne eeraniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Obbo Hasan Mahaammadi fi Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Tashaalee Ballihuu oomisharraa eegalee adeemsa galtee indaastiriif oolu keessatti rakkooleen hanqina qulqullinaa jiraachuu kaasaniiru.

Waan ta’eef, abbootii qabeenyaa warshaa zayitaa waliin mari’achuun rakkinicha furuu barbaachisa jedhan.

Oomishtummaa dabaluu fi rakkoolee gabaa mul’atan furuufis walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf haalota dandeessisanirratti mari’achuun akka barbaachisu himaniiru.

Sanada qorannoo waltajjicharratti dhiyaaterratti Ityoophiyaan midhaan zayitaa oomishuun Afrikaa keessaa sadarkaa 2ffaarratti akka argamtu ibsameera.

Oomisha zayitiif, Atara Aannanii, Saliixaa fi kanneen biroo babal’isuun akka barbaachisu, keessumaa Atarri Aannanii oomishtummaarra darbee gabbina biyyee dabaluuf filatamaa waan ta’eef bal’inaan hojjetamaa jiraachuun eerameera.

Maartaa Geetaachootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.