Fana: At a Speed of Life!

Albuudaa Warqee fi meeshaalee waraanaa daddabarsaa kan turan to’annoo jala oolfaman

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2015 (FBC)-Naannoolee Kibba Lixa Ityoophiyaa fi Gaambeellaatti albuudaa Warqee giraamaa 838 dhoksuun bakka biraatti geessaa kan turanii fi meeshalee waranaa seeraan ala qabatanii kan argaman shakkamtoonni to’annoo jala oolfamuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Naannoo Kibba Lixa Ityoophiyaa fi Naannoo Gaambeellaa Aanaa Diimaatti Kilaashii 20 rasaasa 934 waliin, shugguxii 8 rasaasa 54 waliin, Boombii F1 lama, GPS tokko, faayaa Warqee garaagaraa 172, albuudaa Warqee giraama 838, maashinoota warqee baqsan 7, madaalaa Warqee 10, Birrii Callaa Miiliyoona 1 fi kuma 653 ol Godina Asoosaa Buufataa Sakattaa’aa Olaanaa Kumruukitti to’atamuuu Humnichi Waloo beeksiseera.

Shakkamtoonni kunneen kan to’annoo jala oolfaman, dhorkaa labsii daldala albuudaa lakkoofsa 1144/2011 ragga’e darbuun seeraan ala Albuuda Warqee bakka biraatti geessuun faayidaa dhuunfaaf oolfachuuf yaaluun akka ta’e beeksiseera.

Hawaasnis namoota yakka akkanaarratti bobba’an saaxiluun ittigaafatama isaanii akka bahatan Humni waloo Tika fi Nageenya Biyyaalessaa waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.