Fana: At a Speed of Life!

Alshabaab miidhaa boombiin Moqaadishootti lubbuun namoota 81 darbeef itti gaafatamummaa fudhate

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Gareen hidhattoota Alshabaab do’insa boombii magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti qaqqabe itti gaafatamummaa fudhachuu beeksise.

Haata’uti Ejansiin Nageenya Biyyaalessaa Somaaliyaa miidhichi biyya biroof karoorfamee kan raawwatame ta’uu ibseera.

Miidhichi buufata sakkata’insa Dhiha Kibba magaalitti kan raawwatame yoo ta’u, miidhaa boombii konkolaatti hidhaamee qaqqabeen waggaa lama as aardii Afrikaatti lubbuu namoota hedduu galaafatameera.

Dubbi himaan Alqaayidaa Sheek Alii Mahaammad Raagee ergaa sagaleen dabarsaniin akka ibsanitti, miidhaan qaqqabe konkolaatoota loltoota Tuurkii fi hidhattoota Apoosteet irratti kan xiyyeeffate ture jedhan.

Bulchiinsa mootummaa Somaaliyaa to’achuuf waggoota kudhaniif  qabsoo gaggeessaa kan jiru Alshabaab magaala guddoo biyyatti Moqaadishootti irra deddeebiin miidhaa qaqqabsiiseera.

Maddi:- Aljaziiraa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.