Fana: At a Speed of Life!

Amaaraatti tatamsa’inni dhibee Busaa dabalaa dhufuu himame

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Naannoo Amaaraatti tatamsa’inni dhibee Busaa dabalaa dhufuu Inistityuutiin Fayyaa Hawaasaa naanniicha beeksise.

Naannichatti bara baajata 2012 saaxilamtonni dhiibee busaa bara baajata 2011tti %66 dabaleera jedhame.

Inistityuutiin Fayyaa Hawaasaatti qindeessaan sagantaa dhibee busaa naannicha obbo Maastawaal Warquu, laftii teessuma naannichaa wal hormaata busaaf mijataa ta’u ibsaniiru.

Baatiwwan 3 keessaatti namoonni kumni 100 ol dhibee busaaf saaxilamuu ibsaniiru.

Naannichatti aanalee 22 keessaatti farrii keemikaalaa kan biifamee yoo ta’u, hanqina keemikaalichan aanaleen 9 osoo hin biifamii hafuu dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.