Fana: At a Speed of Life!

Amaasaaddarootaa fi bakka buutoota dhaabbilee idil addunyaa Kuwaatar Dohaatti argamaniif haala yeroorratti ibsi laatameera

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Amaasaaddarootaa fi bakka buutoota dhaabbilee idil addunyaa Kuwaatar Dohaatti argamaniif ambaasaaddar Saamiiyaa Zakaariyaan haala yeroorratti ibsi taasiisaniiru.
Ergamtuun addaa fi aangaatuu guutuun ambaasaaddar Saamiiyaa Zakaariyaan Kuwaatariitti daayreektara ministeera dhimma alaa dhimoota Afrikaa fi ambaasaaddaroota teessoo isaanii Dohaa taasiisan ambaasaaddaroota Eeritraa, Soomaaliyaa, Keeniyaa fi Sudaaniif ibsa laataniiru.
Akkasumas garee ambaasaaddaroota dubartootaa Ameerikaa, Meeksiikoo, Taanzaaniyaa, Giriik, Neezarlaand, Kaanaadaa fi Ispeeniif haala waqtaawaa Ityoophiyaa yeroo ammaarratti ibsa taasiisaniiru.
Ministirri Ministeera dhimmaa alaa Kuwaatar daayreektarri dhimmoota Afrikaa ambaasaaddar Abdurahaamaan Al Doosarii dhimma mootummaa Ityoophiyaa itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu fi haleellaan gareen ABUT lammii isaarratti raawwate gaddisiisaa ta’uu himaniiru.
Amaasaaddaroonni fi bakka buutoonni dhaabbilee idil addunyaa kunneenis gama isaaniin gochaa badii garee ABUT balaaleffataniiru.
Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuuf mootummaan federaalaa gaggeessaa jiru sirrii fi dirqama mootummaa biyya tokkoorraa eeggamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Kuwaatariitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.