Fana: At a Speed of Life!

Amantaa daheeffachuun haleellaa finxaaleeyyiin raawwataniif obsa hin qabnu-Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Uummattoota Kibbaa

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Amantaa daheeffachuun haleellaa finxaaleeyyiin raawwataniif obsa kan hin qabne ta’uu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Uummattoota Kibbaa beeksiseera.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Uummattoota Kibbaa haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa laateera.

Jijjiirramni eegalame farreen nageenyaatin gonkuma gufachuun hin danda’u jechuun ibseera.

Jijjiirramni eegalame kan isaan hin gammachifnee fi kanneen faayidaan dhuunfaasaanii jala xuqame nageenya uumataa booressuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa jiraachuu eereera.

Tibbana iddoolee tokko tokkootti amantaa daheeffachuun walitti bu’insaa fi haleellaa raawwachuuf sochiin taasifamaa jiru biyyaafis ta’e manneen amantaa hundaaf kan hin fayyannee ta’u qaamni hundi hubachuu akka qabu mootummaan naannichaa yaadachiiseera.

Farreen nageenyaa duula sabummaarratti xiyyeeffate dabalatan maqaa gaarii biyyattii balleessuuf gara manneen amantaatti fulaa isaanii naanneeffachuu ibseera.

Uummanni haleellaa manneen amantaattis ta’ee hordoftoota amantaarratti raawwatamu baleeffaachuu qofa osoo hin taane ittisuufi itti gaafatamummaas kan qaban ta’uu ibseera.

Sochiin kana amantaanis ta’e sabaan  naannoo fakkenyummaa gaarii qabdu, naannoo Uummattoota Kibbaatti fiduuf yaalii taasifamu uummanni tokkummaan fashaleessuuf bifa qindoomeen socho’uu akka qabu gaafateera.

Hawaasa musiliimaa fi kiristiyaanaa baroota dheeraaf jaalalaa fi tokkummaan waliin jiraataa ture walitti buusuuf shira xaxamaa jiru haalaan hubachuun dhiibbaa ga’uuf jiru ittisuuf uummanni gaheesaa ba’achu akka qabu hubachiiseera.

Haleellan guyyaa kaleessaa dhaabbilee amantaa godina Silxee magaalaa Waraabee fi aanaa Saankuraatti raawwatame uumata barootaa dheeraaf waldanda’ee fi kabajaan waliin jiraate gidduutti godaannisa uumuuf gochaa taasifamee ta’uu hubatamuu akka qabu bulchiinsi mootummaa naannichaa eereera.

Amantaa daheeffachuun haleellaa finxaaleeyyiin qaqqabsiisaniif mootummaa naannichaa obsa kan hin qabne yoo ta’u, haleellaan godina Silxeetti eegalee iddoolee birootti akka hin babaldhannee uummanni mootummaa cinaa dhaabbachuun nageenya naannoosaa eeggachuu akka qabu gaafateera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.