Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Birtuukaan qabeenya horachuu ilaalchisee ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraatti Ityoophiyaa bakka bu’an waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC) – Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtuukaan Ayyaanoo qabeenya horachuu ilaalchisee ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraatti Ityoophiyaa bakka bu’an waliin interneetiin mari’atan.
Ambaasaaddaroota Ityoophiyaa Jiibutii, Naayiroobii fi Daakaar waliin mari’ataniiru.
Marichaan Misiyoonoonni biyya alaa jiraatan hojii dippiloomaasii qabeenya horachuu gaarii hojjechuu akka qaban eerrameera.
Adeemsa ijaarsa manneen jireenyaa ambaasaaddaroota Daakaar, haaromsa gamoo manneen jireenyaa dippiloomaatootaa Jibutii fi gamoo biizinasii Naayiroobiitti Imbaasii Ityoophiyaan hojjetamaa jiru gamaaggamaniiru.
Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtuukaan Ayyaanoo yeroo itti aanu qabeenya walitti qabuu haala dandeessisurratti Ambaasaaddaroota kanneeniif kallattii kaa’uu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Oduu biroon Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Tsiyoon Takluu Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Siwiidin Haansi Heenriik Luundikuwiist waliin mari’ataniiru.
Haala rakkisaa naannoo Tigraay keessa jiruuf mootummaan deebii laachaa jiru ilaalchisee marii gaggeessuu isaanii ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Siwiidinirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.