Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Mallas Alam itti aanaa preezdaantii Keeniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC)-Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Mallas Alam itti aanaa preezdaantii Keeniyaa Wiiliyaam Saamooy Ruutoo waliin dhimmoota naannoo fi lameeniirratti mari’ataniru.

Ambaasaaddar Mallas ijaarsi hidha haaromsaa guddichaa abjuu baroota dheeraa Ityoophiyaanoota ta’u ibsun, faayidaan isaas kan walooti jedhaniiru.

Ityoophiyaan hariiroo baroota dheeraa Keeniyaa waliin qabdu caalmaan cimsuuf ni hojjetti jedhaniiru.

Itti aanaa preezdaantichaas Ityoophiyaa fi Keeniyaan uummattoota tokkoo biyyoota lama keessaa jiraatanidha jedhan.

Ityoophiyaatti kan ijaarramuu ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa qofaaf osoo hin taanee Keeniyaa dabalatee biyyoota naannichaaf faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Hidhicharrattis marii sadeenii Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan gidduutti gaggeeffamuu ilaalchisee rakkoo Afrikaaf furmaanni Afrikaanootaa jedhun mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan fala furmaataa akka argatuu ibsuusaanii ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Keeniyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.