Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ministira Dhimma Alaa Poorchugaal waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Misgaanuu Argaan Ministira Dhimma Alaa fi Walta’iinsaa Poorchugaal Firaansiiskoo Andiree waliin mari’atan.

Mariin isaanii hariiroo fi walta’iinsa dippiloomaasii biyyoota lameenii sadarkaa olaanaatti ceesisuurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Akkasumas faayidaa waloo fi dhimmoota murteessoo biyyoota lameeniirrattis mari’achuu isaanii ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Misgaanuun Itiyoophiyaan Poorchugaal waliin hariiroo gamlamee cimaa uumuuf murannoo qabaachuu eeraniiru.

Biyyoonni lameen damee, walta’iinsa siyaasaan, daldalaan, invastimantiin, tuuriziimiin barnootaa fi dhimmoota faayidaa waloorratti tuumsaan hojjechuuf qophii ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.