Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Naasiisee Caalii hoggantoota mootummaa olaanoo Kaanaadaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Kaanaadaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Naasiisee Caalii hoggantoota mootummaa olaanoo Kaanaadaa waliin haala waqtaawaarratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Naasiiseen Ministira Dhimma Alaa fi itti aanaa Muummee Ministiraa Kaanaadaa Deeviid Mooriisan, Barreessaa Paarlaamaa Ministeera dhimma alaa Kaanaadaa Roob Ooliifaanit fi Daayreektara jeneraalaa Biiroo dhimmoota idila addunyaa Bahaa fi Kibba Afrikaa yeroo Kaanaadaa Riichaardisan waliin mari’ataniiru.
Haala waktaawaa naannoo Tigraay, waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan, hidha haaromsaa fi filannoo biyyaalessaa dhufurratti mari’ataniiru.
Odeeffannoo fi ragaan dhugaarraa fageete naannoo Tigraay ilaalchisee tamsaa’aa jiratti hoggantoota kanneeniif ibsa taasiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.